Oromia national media koo page

  • Home
  • Oromia national media koo page

Oromia national media koo page Bio

11/04/2026
Ijjjoolee balagee akkan seerii murti kessaa debbii kenuu qabaa
11/04/2026

Ijjjoolee balagee akkan seerii murti kessaa debbii kenuu qabaa

-Iraan Karra daldala Addunyaa "Strait of Hormuuz " akkuma cufteetti jirti.-Amerikaan humna dabalataa  lafoo fi galaanarr...
27/03/2026

-Iraan Karra daldala Addunyaa "Strait of Hormuuz " akkuma cufteetti jirti.
-Amerikaan humna dabalataa lafoo fi galaanarraa kuma 10 gara Jiddu-Gala bahaa fi naannoo Strait of Hormuuzitti ergitee jirti.
- Doonaaldi J.Tiraampi guyyaa dabalataa 10 Iraaniif kenne. Guyyaa kana booda Iraan humna anniisa isii fi oddoola Khaargis akka qabatu dubbate.
- Iraan gama isiitiin haleellaa Misaa'ila isiitiin kaampiilee USA naannawaa fi Israa'el irratti akkuma itti fufteetti jirti.
-Raashiyaa fi Chaaynaan deeggarsa namoomaa fi meeyshaalee lolaa hedduu akkasumaas loojistikii dhiheessaa fi akka jirtu kan gabaase
" The gaardiyaanidha

09/03/2026

Osoma dubbannuu, Iraan kuufama boba’aa guddaa tilmaamaan barmeela biiliyoona 136-150 qabaachuun addunyaa irratti sadarkaa 4ffaa irra jirtuudha.

Oomishtumaafi al-ergii boba'a guddoo addunyaa keenya yoo taatu, fedhii addunyaa keessaa gara %4 (guyyaatti tilmaamaan barmeela miliyoona 3.5-4) dhiyeessiti.

Qoqqobbiin irra kaa’amus, Iraan indaastirii boba’aa keessatti qooda fudhattoota ijoo taatee itti fufteetti. Wal yaadachiisumaafi.

Yaa biyyaa ofii Biyyaa qamadi garbuu Yaa biyyaa kooGandaa hora boqaa Siraa nyadhe dhugee Ati lafee dugudaa Amalee dagaag...
19/11/2025

Yaa biyyaa ofii
Biyyaa qamadi garbuu
Yaa biyyaa koo
Gandaa hora boqaa
Siraa nyadhe dhugee
Ati lafee dugudaa
Amalee dagaagii
Horisisi ilmaan ayyaaa
I love ❤️ bale robe
Gandaa hora boqaa🙏🙏🙏🙏🙏
👍👍👍👍👍

Of eeggannoo‼️Dhibee sodaachisaa Heemoraajik fiiver Kan naannoo jiinkaatti kaheefi Simbira halkanii!Tibbana weerarri Dhi...
16/11/2025

Of eeggannoo‼️
Dhibee sodaachisaa Heemoraajik fiiver Kan naannoo jiinkaatti kaheefi Simbira halkanii!

Tibbana weerarri Dhibee Heemoraajik fiver naannoo jiinkaatti kahe sababa vaayirasii “Marburg virus “ jedhamuun dhufuu isaa qorannoon mirkaneessee jira !

Baattuun vaayirasii kanaa sinbira halkanii (Fruit Bats) iedhamturraa namatti darba . Simbirri halkanii kun akka soorataatti fuduraaleef abaabboo fayyadamti . Dhangala’aan Simbira kana keessaa bahu kan akka Fincaan , gororaa fi dhangala’aan biroo qaama ishii keessa bahu yoo nama tuqe vaayirasiin kun namatti darba .
Vaayirasiin kun yoo nama qabu carraan lubbuu namaa dabarsuu isaa baay’ee ol’aanaadha. Hanga %88 gahuu danda’a.

Dhukkubni kun nama mallattoo dhukkubichaa muldhisuu jalqabe irraa qofa namarraa namatti darba .

Simbirri halkanii baattoo vaayirasii kanaa taate kan isaan jiraatan holqa keessadha. Gaafa namoonni albuuda baasuuf akkasumas waan biraaf gara holqaa seenan, fincaan, udaan, ykn gorora sinbira halkaanii kanaaf saaxilaman vaayirasichi gara namaatti daddarba .

Vaayirasiin kun nama Dhibee kanaan qabamee mallattoo agarsiisu waliin tuttuqii qaamaa fi dhangala’oo qaamaa kanneen akka Dhiiga, gorora, fincaan, sanyii dhiiraa (ispermii) , furrii, imimmaan, dafqa, , balaqqama fi kanneen biroo isaan keessa bahuuf saaxilame Dhibee kanaaf saaxilama. Kana qofa osoo hin taane Uffata walii uffachuun, siree tokko irra waliin ciisuu, wal dhungachuu fi wal qunnamtii saalaan daddarba.

Vaayirasiin kun of eeggannoo yoo hin goone carraa inni dhukkubsataa irraa gara ogeessota fayyaatti daddarbuu isaa olaanaadha. Namoota Dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe awwaaluuf Yeroo kafananis of eeggannoo yoo hin goone gara nama isa kafanu sanatti ni daddarba .

Namoonni dhukkuba vaayirasii kanaan qabaman mallattoo armaan gadii agarsiisu

- Dhaqna gubaa/qaama gubaa
-Dadhabbii gar malee
-Dhukkubbii maashaa fi buusaa
-Mataa dhukkubbii
-Teessisaa/garaa kaasaa
-Olguurraa/balaqqama

Yoo dhibeen kun daraan hammaachaa deeme dabalataan malattoo akka
-Dhiiguu qaamaa karaa funyaanii, afaan, irga ilkaanii, gogaa jala, ija, karaa qaamaa saalaa fi qaamota keessaa
-Garmalee gadi bu'uu dhiibbaa dhiigaa
-Dadhabuu kalee fi tiruu fi qaamota ijoo biroo
-Of wallaaluu faa agarsiisa

Kanaaf of eeggannoo akkamii gochuu qabna?

-Nama Dhibee kanaan qabame ykn mallattoo agarsiise waliin tuttuqqii qaamaa gochuu dhiisuu
-Yoo nama dhibee kanaan qabame yaalan/kunuunsan golgaa harkaa fi meeshaalee addaa dhimma kanaaf hijiirra oolan (personal protective equipment) fayyadamuu.
-Nama Dhibee kanaan shakkame hatattamaan gara mana yaalaa geessuu
-Harka keenya saamunaaf bishaaniin qulqulleefachuu ykn Sanitizer fayyadamuu

Fayyaa hin dhabinaa
Dr Naafyaad Geetuu

08/11/2025

Wanaa itti jirani kuni sher godhaa

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia national media koo page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Home Improvement Business?

Share